Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turkiin Tarkaanfii Isheen Siriyaa Keessatti Fudhatte Fudahatama Hin Qabu: Yunaayitid Isteetis


Ankaraan erga Raahsiyaa waliin ta’uu dhaan godina naga eegumsa naannoo eeguuf walii galtee booda turkiin kurdoota Siiriyaa Kaaba gama bahaa irratti duulli geggeessitu fudhatama hin qabu, kallattii sirrii hin taane irra buute jechuu dhaan ministriin ittisaa Yunaayitid Isteetis mark Esper beeksisan.

Esper Brussels keessati har’a akka dubbatanitti Turkiin haala hamtuu keessa nu buuste jedhan.

Torban darbe Yunaayitid Isteetis humnootii ishee Siiriyaa keessaa erga baastee booda humnoonni Turkii Siiriyaa gama kaabaa weeraran. Yunaayitid Isteetis lola dhaabinsi akka tolfamu gargaartee jirti.

Prezidaant Doonaald Traamp kaleessa ibsa kennaniin lola dhaabinsi sun dhaabbataa akka ta’u Turkii biraa mirkanuu argadhe jedhan. kanaanis uggura Turkii irra jiru akka ka’u illee ta’ee jira. Lola dhaabinsi sun tolfamu iyyuu waraanni Turkii gandeen Assaadiyaa, Mishrafa fi Manajer meeshaalee guruddaan haleelaa turte.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG