Xurree ittiin seenan

Breaking News

Puntlaan Keessatti Haleellaan Gaggeeffame


Haleellaan kan Yunaaytid Isteetes ta’u hin oolu jedhamu maadhee hidhattoota IslaamiK Isteets kan puntlaand keessaa haleeluu isaa jiraattonni ibsanii jiru.

Namnii ijaan argee kan eenyummaan isaa akka hin ibsamne VOA..f akka ibseetti Misaa’eelli Afur ta’u kan xayyaara nam-maleeyyii Amerikaa irraa ta’u hin oolu jedhamee shakkamu Jimaata har’a naannaa gaarreeniin marsamee kan haleeleeYoo ta’u innis magaalaa baadiyyaa Ameyra Bosaasoo irraa gara kibbaatti fageenya kilo meetra 150 irratti argama.

Jalqaba xayyaara lafatti gad hiqee gaarreen irraa eega balali’ee booda/ haleellaa guddaan 4 adda addummaa daqiiqaa 15 tti fufee dhaga’ame jedhan.Sana booda aara gurraacha guddaan gaarreen irraa mul’achuu jalqabe jedhan.

Angawoonni nageenyaa kan Puntland VOAf akka ibsanti oduu isaa dhageenyee jirra, garu haala isaa qorataa waan jirruuf amma yaada hin laannu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG