WAASHINGITAN, DIISII —
Biyya tasagabii qabaachuun beekamtu Botswaanaa keessatti Prezidaantiin biyyatti ammas irra deebi’anii filataman.Prezidaantichi marsaa ka biraa waggaa shaniif filatamuu isaanii abbaa seeraa mana murtii mummichaa beeksisee jira.
Paartiin Demokraatawaa Botswaanaa biyya albudaa Daayamand jedhamuun badhaate kana bara 1966 bilisummaa ishee eega gonfattee asbiyyatti bulchaa jira.
Waltaatoota mormitootaa kan Duma Bokoon hogganamuu biraa rakkoo guddaatu isa mudate.Mormitoota kana kan jajjabeessu prezidaantii duraanii aangoo irraa bu’an fi prezidaanticha amma waliin falmii qabataa jiran/ Ian Khama ta’uun beekamee jira.waa’ee imaammata biyyatti irratti wal dhaban.