Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maagifuuliin Erga Taaytaa Fudhatanii Mirgi Yaada Ibsachuu Uggurame – HRW fi Amneestii


Hiwumaan Raayts Wooch fi dhaabbatni Amneestii Internaashinaal taanzaaaniyaan keessatti bara 2015 as qabiinsi mirga namoomaa hammaachaa akka dhufe dubbatan.

Gabaasa waan mirga qabiinsa Taanzaaniyaa ilaalchisee harra Naayroobii Keeniyaa keessatti ifa baheen mootummaan pirezdent Joon Maagfuulii erga taaytaatti dhufee seerri cunqursaa hedduun akka hojiirra oole kunis mirga yaada ofii ofiin ibsachuurratti balaa akka fide himanii jiru. Ooryeem Nyeekoo qorataan qabiinsa mirga namoomaa Hiyumaan Raayts Wooch; dhaabbanni isaanii Taanzaaniyaa ilaalchisuun qorannaa qoratee gabaasa ‘hagan hamaa mootummaa hin dubbannetti nagaanan jiraadha’ mata duree jedhuun maxxansuu himanii gabaasi dhaabbati isaanii Taanzaaniyaarratti baase ka Amneestii faana baayyee akka wol fakkaatu dubbatan. Mootummaan Joohn Maagfuuliis seera mirga yaada ofii ibsachuu danqu labsee rakkoo lammilee biyyattiirraan gahaa jira jedhan.

“Inni kaan seera sabqunnamtii fi poostaa ka jedhamu ka dhiyeenya hojiirra ooleedha. Seera kanaan warri interneetiin marsariitiirratti waa barreessu eyyamaaf doolaara 900 kaffaluu qaba. Qorannaa kanaaf jennee warri nuti haasofsiifne qarshii kana kaffaluu akka hin dandeenye nuuf himan. Kunis mirga yaada isaanii bilisaan ibsachuu isaaniirratti miidhaa geessisaa jira.” Ooryeem Nyeekoo qorataa qabiinsa mirga namoomaa Hiyumaan Raayts Wooch.

Mr. Nyeekoon dabalanii seerri saba himaalee biyyattii to’achuuf bara 2016 tti bahe kaanis rakkoo tahuu himanii ergasii gaazexaawwan biyyattii jaha cufamaniiru jedhan. Seeruma kanaan dhaabbileen televizyinii biyyattii angawoota mootummaan yeroo hedduu akka ugguraman, dhaabbileen miti mootummaa kaanis hojii isaanii bilisummaan akka hin hojjenne ta’eera jedhan.

Gama Amneestii Internaashinaal irraa qorataan qabiinsa mirga namoomaa dhaabbatichaa Roonald Iboolee bulchiinsi Joon Maagifuulii karaa maraan dhiibbaa mirga namoomaa jiraattota biyyattiirra geessisaa jira jedhan.

Mr. Ibooleen yoo ibsan, akka qorannoo keenyaan argine qofaatti bara 2015 as seerotni shan gaazexeessitoota, barreessitoota, dhaabbilee hawaasaa fi jaarmayaalee siyaasaarra dhiibbaa geessisuuf dhimmarra oolaa jiru jedhu.

Mirga gaazexeessitootaaf ka falmu CPJ nis haalli qabiinsa mirga gaazexeessitoota biyyatti akka isa yaachise waltajjuma kana gubbaarratti himeera.
Mirga gaazexeessitootaaf ka falmu CPJ nis haalli qabiinsa mirga gaazexeessitoota biyyatti akka isa yaachise waltajjuma kana gubbaarratti himeera.

Diirektorri Kaawinsilii Saba Himaa Taanzaaniyaa waan kana ilaalchisuu yaadi jiru dhugaa ta’uu VOA’f himan. Kaajuu Biimukaanjaa akka jedhanitti dhiyeenya kana taanzaaniyaa kessatti gaazexeessitoota waan siyaasaa gabaasan ala warri waan diinagdee fi gabaa gabaasus ija mootummaa keessa waan seenaniif sodaan gaazexeessitoonni biyyattii qaban dabaleera jedhan.

Maagifuuliin Erga Taaytaa Fudhatanii Mirgi Yaada Ibsachuu Uggurame – HRW fi Amneestii
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG