WAASHINGITAN, DIISII —
Humnootiin Yunaayitid Isteetis reeffa hoogganaa Islamic Istete kan Abu Bakr al-Baagdaaii holqa inni keessa dhokatee ture keessaa fuuchuu dhaan eenyummaa isaa qorannaa DNAn erga adda baasanii booda galaanatti geessuun awwaalannii jiran.
Angawoonnis ragaaleen keellaa inni keessa ture biraa walitti qabame humnootii Ameerikaa fi kan Siiriyaa ni deggera jedhanii abdatu.
Gama biraan prezidaant Doonaal Traamp qiyyaafata isaanii qqbeenyaa keellaa boba’aa Siiriyaa Kaaba gama bahaa irra kaa’anii jiran.