Gareen prezidaant Traampiin aangoo irraa kaasuuf qorannaa geggeessaaa jiru, angawaan waraanaa Yunaayitid Isteetis kan grumuu naga eegumsa biyyoolessaa Whaayit House keessa jiran tokko Traamp mormituu isaanii Siyaasaa akka qoratamaniif Yukreeniin gaafatanii erga jedhanii guyyaa tokko booda, hayyoota ministrii dhimma alaa kan dhimma Yukreen irra dhuga ba’umsa dhaga’uuf jiru.
Leetenaant Kolonel Alekzaander Vindmaan koree mana maree bakka bu’otaaf kaleessa ibsa kennaniin namoota haasaa bilbilaa Adoolessa 25 Traamp prezidaantii Yukreen Volodymir Zelennskii waliin dhaga’an keessaa tokko jedhan.
Haasaan bilbilaa sun na yaaddesse kan jedhan Vindman, mootummaan alaa lammii Yunaaytid Isteetisiin qorachuun sirrii dha jedhee hin yaadu jedhan.