Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Turkii Kanneen Lola Kurdoota Irratti Oofame Qindeessan Adabamuu Akka Qaban Ibsame


Mustafaa Ozaar "lola Kurdoota irratti godhame deegarteetta" jedhamee hojii irraa ari'amuu dubbata. Musxafaan mana murtii keessa hojjachaa ture VOA/Dooriyaan Joonsi
Mustafaa Ozaar "lola Kurdoota irratti godhame deegarteetta" jedhamee hojii irraa ari'amuu dubbata. Musxafaan mana murtii keessa hojjachaa ture VOA/Dooriyaan Joonsi

Turkiin seera manni maree bakka bu’oota uummtaa US angawoota Turkii kanneen duula Siiriya kaabaa irrtti geggeessamettii hidhata qaban irra uggurri akka kaa’amu baase mormitee jirti.

Ministriin dhimma alaa Turkii akka jedhetti erga manni maree bakka bu’oota uummataa seer asana dabarsee booda ambasaaddera Yunaayitid Isteetis David Satterfield gaaffiif waamee jira.

Seerri sun tokko dura taa’aa koree dhimmootii alaa kan mana maree dimokraatotaan hooggganamuu Eliot Engel fi miseensa mana maree Ripaablikaanticha Michael McCual-n kan qophaa’e yoo ta’u angawaa gameessa Turkii akka Siiryaan gama kaabaa weeraamtu fi dhiittaa mirga namaa kurdoota irratti geggeessame murteessan adabsiisa.

Manni maree bakka bu’oota seer asana sagalee 403-16 dabarse.

Ibsi ministrii dhimma alaa Turkii tarkaanfiin sun wal ta’iinsa keenya NATO waliin kan wal hin simne kan seera tumtoonni shororkeessotaaf maal na dhibdee dhaan beekkannaa kennuu ti jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG