Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Aangoo Irraa Kaasuu Traamp Ittuma Fufe


Prezidaant Doonaald Traamp qorannaan aangoo irraa kaafamuu irratti dhyaate dabalaa ennaa deemetti deebiin barreeffamaan namni jalqaba icitii waa’ee isaan mormituu isaanii itti aanaa prezidaantii duraanii Joe Biden irratti Ukreeniin qorannaan akka geggeessamu gaafatan saaxil baase ga’aa miti jedhan.

Dhuga ba’umsaaf kallattiin dhiyaachuu qaba jechuu dhaan Traamp waa’ee nama icitii sana saaxil baasee twiter irratti maxxansan. Qorannaa aangoo irraa kaasuu sana ka shiraa ti jedhan.

Traamp tattaaffii qorannaa isaan irratti fuuleffatee kana ilaalchisuun yaada boodanaa kennan irratti abukaatoo Waashington kan ta’an Maark Zaayid erga isaan namni maqaan isaa hin tuqamne, kan icitii sana saaxile deebii isaanii barreeffamaan dhiyeessuuf tole jedhaniiru jedhanii booda. Seera tumtoonni Ripaablikaanotaas haalli akkasii fudhatama hin qabu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG