Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Iraaq Hiriirtota Mormiitti Dhukaasuun Ajjeesan


Humnoonni naga eegumsa Iraaq halkan edaa magaalaa Karbala keessatti hiriirtota Mormii kanneen qoonsiilaa Iraaq dura hiriiran keessaa sadii itti dukaasuun ajjeesuu isaanii angawoonni Iraaq beeksisanii jiru.

Hiriirtonni sun Iraan biyya keenyaa ba’i, Karabalaan bilisa haa taatu jechuun dhaadannoo dhaqeessisaa turan.

Dhukasa sana dura angawoonni akka jedhanitti hiriirtonnimormii sun ededa qoonsiilaa sanatti meeshaalee adda addaa darbachuudhaan ibbidda itti qasbsiisuuf yaalaa turan jedhan.

Baatii darbe erga mormiin Iraaq keessatti ka’ee as namoota 250 oltu du’an.

Hiriirtonni mormii kurna kumaan laka’aman guyyoota dhiyoo as Baagdaad waltajjii Tahirir-tti wal ga’uu dhaan gabaalee, warshaalee, manneen barnootaa fi Yuniversitiiwwan cufuu dhaan adeemsa siyaasaa kan erga bara 2003 hooggana US-n Iraaq weeraramtee Saadaam Huseeniin aangoo irraa darbamanii mormaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG