Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bu’aan lakkoofsa ummata Keeniyaa Labsame


Bu’aan lakkoofsa ummata Keeniyaa ka bara 2019 harra labsameera. Waajjirri Istaatistiiksii Keeniyaa gabaasa lakkoofsaa kana Pirezdentii biyyattiif dhiyeessee jira.

Lakkoofsi ummata keeniyaa ka wagga 10 darbeerra miiliyeena 9’n ol guddatee jedhe Waajjirri Istaatistiiksii Keeniyaa. Waajjirichi harra gabaasa lakkoofsa ummata biyyattii ji’a hagayya dabre gaggeeffame ka ifoomse yoo tah, gaggeessitoonni waajjirichaas suma kana Pirezdenti Keeniyaattaaf gabaasa kana kennanii jiru.

Diirekterro Waajjira Istaatistiksii Keeniyaa Zekaariyaa Muwaangii Chegee Pirezdenti keeniyaattaaf akkasumas lammilee biyyaaf yoo ifoomsan lakkoofsa hagayya darbeetiin ummatni biyyattii miiliyeena 47.6 ta’uu himanii jiran. Kana keessaas miiliyoonni 23.58 dhiirota yoo ta’an, 24. 01, dubartoota, warri saalli isaanii adda baafamuu hin dandaa’amne ammoo 1524 ta’uu himani.

Pirezdent Keeniyaattaan gabaasi lakkoofs aummata biyyattii hagasitti bahuun mootummaa biyyattiif waan gaarii tahuu himanii, kanaanis biyyi isaanii Afriikaa keessaa ji’a lamaa keessatti bu’aa lakkoofsa ummataa gaggeeffame gabaasa isaa dhiyeessuun ka jalqabaa tahuushee himani.

Bu’aan lakkoofsa ummata Keeniyaa harra ifoome ka sadarkaa jalqabaa yoo tahu, Priezdent Keeniyaattaan waajjirri Istaatistiiksii biyyattii gabaasa lakkoofsa ummataa Hagayya keessa gaggeeffamee kaanis akka lakkisu gaafatanii jiru.

Keeniyaan hojii lakkoofsa ummataa wagga kudhaniin ka gaggeessistu yoo taatu, bara 2009 yoo yeroo darbe gaggeeffame lakkoofsi ummata biyyattii miiliyeena 37.7 ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG