Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Guyyaa Sadiif Turu Asmaraa Keessatti Jalqabamee Jira


Walgahii 23ffaan kan Koree hayyoota fi aangawoota gameeyyii mootummotaa biyyoota Afrikaa bahaa har’a masaraa mootummaa Asmaraa keessa har’a jalqabamee jira.

Walgahiin guyyaa sadiif turu kana kan qopheesse komishiina dinagdee Tokkummaa mootummotaa fi mootummaa Ertraan ta’uun beekamee jira.

Ministriin haajaa alaa Ertraa Osmaan Saleeh haasawaa baniinsaa godhaniin walitti bu’iinsa waggaa 20 booda gaafa Afrikaa keessatti qilleensii Abdii qilleensa’uu jalqabuu isaa fi walta’iinsa nagaa fi tasgabiin bu’u dubbatan.

Biyyoota Afrikaa keessatti daldalaa fi dinagee argamuun Afrikaa baadhaadhinaan guutamtee argu kan fedhan ta’u komishiina dinagdee Afrikaa irraa Veraa Songuwee turan.

Mata dureen walgahii kanaas Afrikaa bahaa keessatti gamtoomiina biyyootaaf carraa haaraa banuu kan jedhu ta’uun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG