Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shoroorkeessoota Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Itti Fuufna: Jeneerala Amerikaa


Waraana Amerikaa Afrikaa keessa jiruuf Geneeraala sadarkaa olaanaa kan ta’an Stefen Taawonseend Kibxata har’a Somaaliyaa daw’atanii jiru.

Kunis hogganoota waliin wal arguun leellistoota biyyoota gaanfa Afrikaa keessaa irratti duula gaggeeffamu irratti mari’achuuf akka ta’e ibsamee jira.

Hogganaan waaltaa ajaja waraanaa ykn Afriikom kun akka jedhanti garee shoroorkeessoota leeliistoota Islaamaa fi Al-Shabaab irratti dulli waraanaa Amerikaan gaggeessitu hagam jijjiirama akka fidee ilaaluuf jiru.

Isaan kun michoota keenya kan Afrikaa fi fedhii Amerikaan gaanfa Afrikaa irraa qabdu fi Yunaaytid isteetes keessattis sodaa uuman jedhaan Jeneraaltichi.

Shoroorkeessonni kan beeku qaban jedhan ituu addaan hin kutiin faana akka isaan dhoofnu dha kan jedhan Taawonseend

Tarkaanfii nuti fudhannu Somaaliyaa, Kutaa Sanaa fi Amerikaan nagaa akka ta’an daran akka tasgabii qabeessa ta’u taasiisa jedhan.

Gareeleen kun Amerikaa haleeluuf fedhii kan qaban ta’uus tarkaanfii waraanni keenya fudhatuuf galanni haa ta’u malee dandeetti isaa hin qaban jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG