Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatii Lammiwwan Amerikaa Tokko keessaa Namnii Sagal Meeksikoo Keessatti Ajjeefaman


Maatiin amantii Mormoon hordofan kan Yunaaytid Istees tokko keessaa yoo xiqqaate ijoolleen 6 fi dubartoota 3 Meeksikoo gama kaabaa keessatti ajjeefamuu ministeerri nageenyaa kan Meeksikoo fi maatiin jaraa ibsanii jiran.

Kanneen ajjeefaman kun maatii Le Baron lammii Amerikaa leellistoota hawaasa amantii Mormoon waggaa 10 dura naannoo daangaatti hundeesse Sanaa ta’u aangawaa nageenyaa kan Meeksiskoo fi maatiin jaraa dubbatan.

Miseensoonni maatii tokkoo kun konkolaataa sadiin daandii baadiyyaa kan kutaa daangaa irra jirtu Chihuahua fi Sonora gidduu ituu deemaa jiranii haleellaan irratti baname jedhu miseensoonni maatii hedduun.

Angawaan nageenyaa maatiin kun imala irra akka turan mirkaneessanii garu jaarmayaa kutaa sana to’achuuf gocha yakkaa rawwachuuf socho’aa jiru hin beekan ta’a jedhan.

Polisii fi waraanni Meeksikoo mucaa maatii sana jalaa bade tokko barbaachaa akka jiran ibsamee jira.

Prezidaantiin Amerikaa Traamp giti isaanii kan Meeksikoo gareelee hidhatan kanneen baala sammuu darreessu deddebisan akka faana dhahaniif gaafatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG