Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maarsabiititti Hidhattoonni Namoota 13 Ajjeesan


Mooyaalee, Keeniyaa
Mooyaalee, Keeniyaa

Kaaba Keeniyaa kutaa bulchiinsa maarsabiit jedhamtunni hidhattoonni namoota 13 ajjeesan. Jiraattonni fi Abbaan Araddaa yakki kun keessatti raawwatame namoota 13 keessaa sadii miseensa poolisii keeniyaati jedhan. 

Kaleessa ganama barii saatii 12tti hidhattoonni lakkoofsi isaanii haga yoonaa hin beekamne maarsabiit ganda Sagantee jaldeessaa jedahmtutti dhukaasa bananii nama 13 ajjeesan jedhu jiraattonni.

Ganda Hurr jedhamu keessaa dhufuu hin oollee ka jedhaman hidhattoonni kun ganda Sagantee Jaldeessaa keessatti bakka sadiitti dhukaasa bananii namoota akka ajjeesan jiraataa naannichaa ka tahe Hadan Jaarsoo guyyoo Sagalee Ameerikaaf himeera. Warra hidhattootni kun ajjeese keessaa sadii poolisii keeniyaati.

Bulchaan ganda Sagantee jaldeessaa Siiniyer Chiif Alii Jaldeessaas ajjeechaan kun dhugaa tahuu mirkaneessan.

Siiniyer Chiif Aliin sababa ajjeechaa kanaa gaafatamanii yo odeebisan hidhattoonni kun Hur bakka jedhanii dhufuu male sababi isaan ajjeechaa kana jiraattotarratti raawwatan wanni beeknu hin jiru jedhan.

Maarsabiititti Hidhattoonni Namoota 13 Ajjeesan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:13 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG