Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidha Abbayaa Ilaalchisee Ibsa Kenname


Ministeeronni dhimmootii alaa Masrii Itiyoophiyaa fi Sudaan akkasumas jiloonni isaanii minstrii maallaqaa Yunaayitid Isteetisii fi prezidaantii baankii Addunyaa waliin Kamisa Sadaasa 6 Washington DC keessatti wal arganii jiran.

Hidha abbayyaa bishaaniin guutuu fi akkaataa hojii isaa irratti walii galtee qindoominaa, waarinsa qabuuf garee mara fayyadamaa taasisu akkasumas ejjennoo isaanii kanas akka ibsa qajeelfama bara 2015tti hojii irra oolchuuf adeemsa ifaa ta’e uummachuuf murannoo qabaachuu isaanii ministeeronni kun irra deebi’uun mirkaneessaniiru.

Ministeeronni kun sadarkaa ministeerota isaanii kan bishaanii-tti kan geggeessan wal ga’iilee teekinikaa qabaachuuf walii galtee irra ga’uu isaaniis beeksisaniiru.

Baankiin addunyaa fi US deggersa kan godhan ta’uu isaanii fi wal ga’iilee geggeessamu irratti tajjabdummaan akka argaman ministeeronni kun walii galaniiru.

Itti dabaluu dhaanis walii galtee sana hanga Amajjii 15 bara 2020tti kan xumuran ta’uu isaniif wal ga’ii lama kan Muddee 9 bara 2020 fi Amajii 13 bara 2020 Washington DC keessatti geggeessamu irratti argamuu dhaan adeemsa jiru gamaaggamuuf walii galaniiru.

Hanga Amajjii 15 bara 2020tti walii galteen irra hin ga’amu taanaan Ministeeronni haajaa alaas qajeelfama labsii bara 2015 keeyata 10 irra taa’ee jiru hojii irra kan oolu ta’uu walii galaniiru.

Ministeeronni dhimmootii alaa walii galtee isaanii ennaa xumuran uummata Masrii, Itiyoophiyaa fi Sudaaniif hiika misoomaa lagi Abbayyaa qabu, barbaachisummaa walii galtee daangaa ce’ee fi walii galtee irra ga’uuf fedhii waliinii qabaachuu isaanii irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG