Wal ga’iin kun kan qophaa’e komiishina dinagdee Afriikaan yoo ta’u bakka bu’oonni biyyoota Afriikaa irraa dhufan 250 ta’an irratti hirmaataniiru.
Wal ga’ii kana irratti gaanfa Afriikaa keessatti guddina waarinsa qabu mirkaneessuu godinicha keessatti guddina tuurizimii, bu’uura misoomaa fi enerjii dagaagsuu, gaanfa Afriikaa keessatti godinaa daldala walabaa akka saffisu gochuu fi galaanatti fayyadamuu dhaan godinaa sana walitti fiduu fi carraa hojii banuuf walitti dhufeenya cimsuu waraqaaleen qorannaa dhiyaatanii marii bal’aan geggeessameera.
Hayyoonni irratti argamanis wal ga’iin kun walitti bu’iinsi daangaa Eertraa fi Itiyoophiyaa gidduu yeroo furmaata argataa dhufetti geggeessamuun isaa yeroo sirritti ta’uu ibsanii nageenyi guddina dinagdeef bnu’uura waan ta’eef walitti dhufeenyi kun murteessaa dha jedhan.