Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Hiree-Murteeffannaa Sidaamaf Uummanni Sagalee Kennu Heddumminaan Bahuun Himame


Filannoo Hiree-murteeffannaa yokaan Riferendemii Sidaamaa irratti, hanqinni buufatoota filannoo fi kaardiilee filannoo waan uumameef, kaardiilee filannoo dabalataa maxxansuu fi buufataalee filannoo dabaluuf hojiin kan hojjetamaa jiru tahuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa beeksisee jira.

Gorsituun Koomiyunikeeshinii Boordii Filannoo – Sooliyaanaa Shimellis ibsa kennaniin, magaalaa Hawaasaa caalaa baadiyyaa biyyattii uummatni sagalee kennu heddumminaan ba’uu himanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG