Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Kaameroon Laalchisee Yaada Wal-makaatu Dhihaachaa Jira


Prezidaantiin Kaameroon, Pool Biyyaa, filannoon naanoo fi ka Paarlaamaa biyyoolessaa baatii Guraandhalaa keessa akka geggeeffamu eega beeksisanii booda, yaada wal-makaa tu irratti dhihaataa jira.

Guyyaan filannoo labsame kun, guyyaa silaa filannoon geggeessamuu male irraa baatiilee 18 boodatti harkifamee ka qabame yoo tahu, mormitoonni garuu, haalli nageenya biyyattii yaaddessaa waan ta’eef jecha, filannoo geggeessuuniyyuu amansiisaa akka hin ta’iin dubbatu.

Mootummaan immoo, naannoolee rakkoon itti uumame hedduutti waraanni bobba’ee nageenya buusee jira – jechuun falma.

Gama biraatiin, waraanni Caameroon har’a magaalaalee Kaaba-Lixaa biyyattii – Baamendaa fi Misaajee, akkasumas, magaalaalee Kibba Lixaa – Kumbaa, Manfee fi Nuyukaa keesssatti humnoota adda-baatotaa wajjiin walitti-bu’uu isaa beeksisee jira. Walitti-bu’insa kana keessatti lubbuun dhabamee fi miidhaan ka biraan dhaqqabe ka sirnaan himame hin jiru. Midiyaaleen biyya keessaa garuu, yoo xiqqaate reeffi namoota sagalii, siivilootaan laga keessatti argame – jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG