Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazixeessituun AP Sudaan Kibbaa Keessaa Ari’atamte


Sam Madniik Associated press irraa waggoota hedduuf haala Sudaan Kibbaa keessaa gabaasaa turte. Baatii darbe garuu erga angawoonni odeeffannoo kijibaa gabaaste jechuu dhaan eeyama ishee irraa mulqabnii booda biyyattii akka gadhiistu dirqisiisamte.

Yeroo ammaa Naayroobii keessa ka jirtu yoo ta’u hanga baatii Bitootesssaatti Sudaan Kibbaatti deebi’uuhin dandeessu.

Yaada tweeter irratti maxxansiteen Medniik akka jettetti waggoota sadiif erga Sudaan kibbaa irraa gabaastee booda eeyamni koo kan presii baatilee sadiif na irraa mulqamee jira jette.

Medniik akka jettetti sun kan hedduu nama rifaasisuu fi mallattoo ammas Sudaan kibbaa keessaa walabummaan presii dhabamuu ti jetti.

Anagawoonni Sudaan kibbaa immoo dhimma isaa akka addaatti ilaalu. Abbaa taayitaa sabaa himaa sudaan kibbaaf hoogganaa kan ta’an Elaashiyaa Aliyeer akka jedhanitti medniik mootummaan waliinii hundeeffamuu dura biyyattii keessa muddamni jiraachuu gabaaste, kun immoo sirrii miti jedhan. kanaaf jedhan angawoonni gaaxexeessaan tokko biyyaa kan baafamu yoo badii dalage qofa. Gareeleen mirga namaa fi kanneen mirga gaaxixeessotaaf falman akkasumas APn Medniikiin cina kan dhabatan ta’uu beeksisianiiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG