Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Goodiyyaa’ Dhalataa Harraa Abbaa Gadummaa Boruuf Guddisuu


Abbaa Gadaa Booranaa, Maadha Galmaa (1952 -1960)

Goodayyaan, aadaa sirna Gadaa Boorana keessatti bakka guddaa qabuudha. Sirni kun sirna Gadaa keessatti ka sadarkaan keessa darbamu ta’ee gaggeessaa biyyaa boruuf ka ittiin guddisaniidhas.

Gadaa keessaa dabballeewwan boruu Abbaa Gadaa biyya gaggeessan ta’uuf fedhan duulaan na filaadhaa jedhanii dorgomanii kaadhimamu. Waggaa saddeetitti al takka kan gaggeeffamu sirni kun sanbata darbe godina boornaatti gaggeeffamee dabballeen Halakee Maallicha Halakee Bukunee warra boruu isa gorsuuf kaadhimame nama jaha duuka muudameera.

‘Goodiyyaa’ Dhalataa Harraa Abbaa Gadummaa Boruuf Guddisuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:05 0:00

Jaatanii Diidaa qorataan seenaa fi sirna Gadaa Oromoo sirni kun waantota gurguddaa of keessaa akka qabu dubbatu. Aab Jaataniin ‘Goodiyyaa’n sirna ijoollee gara ‘Kuusaa’tti ceesisu ta’uu himan. Yoo kanas ‘Gaammee’ keessaa bahanii ‘Kuusa’ ta’an. ‘Aduulaa’n jahan (warri Abbaa Gadaa duuka filamus) waan keessaa lallabamuuf kanaaf sirna ‘Goodiyyaa’ kana keessatti waanti lama raawwatama jedhu dabalanii.

Ganna saddeet saddeetiinis sirni nama Abbaa Gadaa ta’u filuu kun gaggeeffama. Sirni kun utuu hin gaggeeffamin duras gosaa fi ollaatti warri ilmi isaanii hojii kanaaf akka kaadhimamu fedhan ‘Baannattoo’ (duula mucaa koo naaf filaa) jedhuun ollaa, gosaa fi nama naannootti bahu. Sana booda dorgommiin gaggeeffamee ‘Argattee’n labsama. Argatteen (eenyu akka injifate) kun erga barameen boodas bultii torban sadii duuba ‘Goodiyyaa’ fi warra ‘Aduulaa’ ta’u jahan labsu jechuudha.

Halakee Maallicha
Halakee Maallicha

Erga eenyu akka filame baramee booda dabballeewwan kun mataa aaddatanii sana booda gara sadarkaa Kuusaa ta’uutti cehu. Ijoollee kanas warri ‘Argaa Dhaggeettii’ waan safuufii aadaa isaan barsiisaa guddisaa jedhu ogeessi seenaa Oromoo Aab Jaatanii Diidaa. Abbaa Gadummaa kanaaf dorgommiin akka jirus himanii dabballeewwan kun dorgommii kanaaf gulantaa guutuu qaban jira jedhu. Dursa warri filatamuu fedhu dabballummaa kaasee aadaa duuka deemee barachuudha qaba, darbees sirni gaggeessaa filachuu kun (gosa) tokkorra hin taa’u walirra maruu qaba kanaaf warri waan kana gaafatu warra dabareen hin geenye ta’uullee qabu. Gama biraan ammas abbaan ykn abaabileen mucaa dorgomu kanaa yoo Abbaa Gadaa ta’ee ture bara sana ‘Abbaan Gadaa’ fira isaa sun maal waanti gaariin hojjete ka jedhus ilaalcha keessa seena.

Dabballeewwan kunis marsaa Gadaa isaanii keessaa yoo sirni kun dhaqqabu, baannattoo jedhanii duulaan ollaarraa, haga gosaa fi lammiitti maatiin himaniifii dhumarratti Gadaa isaanii ka marsaan irra jiru bakka bu’uu danda’uu jedhu Aab Jaataniin.

“Duulli na filadhaa (Baannattoo) n kun amma bakka naannoo ummatni itti naannawu, fulaa ummati aadaa jiru, ka Raabaa, ka Gadaa, ka Laduu, ka Qaalluu cufatti dhufaniiti ‘galata naa fuudha, galata gooroo narraa fuudhaa, gooroon narraa turee narra marsaa’ jedhanii maatiin ijoollee gaafachuu danda’an.” Jaatanii Diidaa; Qorataa Seenaa fi Gadaa Oromoo.

‘Aragattee’ sanbata darbe gaggeeffameenis Halakee Maallicha Halakee Bukunee warra boruu isa gorsuuf kaadhimame nama jaha duuka Abbaa Gadaa 74ffaa ta’uuf muudamee jira. Aaba Jaataniin Halakee Maallichaa sagalee harka dhibbeentaa guutuu argatee injifachuu himanii, argachuu isaafis, Abbaan isaa utuu ‘carraa Abbaa Gadummaa isaaf barbaadaa jiruu du’uu, marsaan gaaggeessa Gadaa irraa turuu fi hojii kanaan dura sanyii isaa keessaa warri Abbaa

Gadaa turan abaabileen isaa hojjetan gulantaa warri isa filate ilaalee naatoo kenneefii dha jedhan.

Kana boodas warri filame kun gama aadaan warri argaa dhageettii, jaarroleen, hayyuun, akkasumas hawaasni naannoo ijoollee dabballee kana barnoota aadaa, safuu fi kaan haga yeroon isaan gaggeessuu isaanii dhaqqabutti barsiisa. Amma amma Gumiin Gaayoo namni abbaa Gadaa ta’u barnoota barawaas haa baratuu waan jedhuuf ijoolleen kun barnoota idilees ni baratu. Akka Obbo jaataniin jedhanitti dabballeen abbaa gadummaaf kaadhimame nageenyi isaa hawaasaan akka eegamu, fulaa walitti bu’iinsi jiru akka hin dhaqnellee himu. Garuu jedhu Aab jaataniin abbaan Gadaa nama dhugaaf dhaabbate waan ta’eef dhugaatu isa eegaa male nami akkasitti ramadame boorana keessaa isa eegu hin jiruu jedhu. Amma Gadaan Booranaa harka kura Jaarsoo jira, isaanis Abbaa Gadaa 71 ffaa yoo tahan Halakee maallichaan malee Abbootiin Gadaa lama duraa duubaan filamanii jiru.

“Waggaa 8ttan har’aa 73’ffaatu filamee darbee jira, wagga 16’n harraa ammoo 72’ffaatu filamee darbee jira.” Jaatanii Diidaa; Qorataa Seenaa fi Gadaa Oromoo

Obbo Jaataniin sababa Abbaan Gadaa ijoollummaa kaasee filamuufis ibsaniiru. Inni duraa namni saba gaggeessu filamee hojiiitti yoo seenu hojii ummatarratti akka hin barre dursee akka of qopheessu gargaaraa jedhan. Lammee ammoo rakkoon hanqina gaggeessaa akka hin mudanneefis waanti kun falaa jedhan.

“Booranni haga 2040tti gaggeessaa isaa filatee lafaa qaba. Filannoo dhufu ka Itiyoophiyaa akka biyyatti waan ta’u hin beeknu, nuti garuu gama sanaan karaa Sirna Gadaa rakkina hin qabnu” Jaatanii Diidaa; Qorataa Seenaa fi Gadaa Oromoo

Dr. Taaddesee Bariisoo; Ogeessi fi Barsiisaan Antiroopooloojii Yuuniversitii Finfinneeti sirni akka ‘Goodiyyaa’ kun ijoollee dhalattu gaggeessummaa boriif bocuuf bakka guddaa qaba jedhan.

Halakee Maallichaa fi warri isa duuka taaytaaf muuddamanis eebba hawaasa fi qaalluu rraa eebba fudhatanii akeeka waamamaniifitti seenu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG