Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaartuum Keessatti Hiriirtoota Irratti Tarkaanfiin Fudhatame Yakka: Garee Mirga Dhala Namaa


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Baatii Waxabajjii darbee haleellaa hiriirtoota Sudaanti mormii dhageesisan irratti ajjechaan gaggeeffamee ture yakka dhala namaa irratti rawwatame jechuun gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach har’a ibsee jira.

Jaarmayaan kun gabaasa fuula 56 qabu kan mata dureen isaa “Isaan Iyyaa Jiru Ajjeesaa” jedhu dhiyeessee jira.Kunis kanneen Kaartuum keessatti mormii dhageesisan irratti tarkaanfii fudhatamee kan hokkaraan guutamee ture jedhee jira.

Gabaasnii ba’ees humnootiin nageenyaa kan Sudaan Waxabajjii 3 bara 2019 jalqabee hiriirtoota irratti dararaa geesisee fi sana booda mooraa kanneen hiriiran keessa buufatan kan Kaartuum keessaatti waan irra ga’e ibsee jira.

Kana malees dararaa humnootiin nageenyaa gaggeessan hammaachuutu mormii baatii Waxabajji kana hammeesse jedha.Mormiin kun jalqaba gatiin qaala’uu Sudaan keessaa mormuun yoo ta’u sana booda garu bittaa prezidaant Al-Bashir fi bulchiinsa isaa kan waggaa 30 mormuutti jijjiramee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG