Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Tibilisii Kan Jorjiyaa Keessatti Uummanni Hiriira Ba’e Jira


Polisiin jara achii akka gadhiisan gochuuf bishaan ujummoo fi Gaaza himiimaansu biife
Polisiin jara achii akka gadhiisan gochuuf bishaan ujummoo fi Gaaza himiimaansu biife

Filmaanni hatattamaa akka gaggeeffamu hanga ibsamuutti jechuun hiriirtonni ulaa paarlaamaatti seensisuu kan Jorjiyaa isa Tibilisii cufanii jiru.

Polisiin jara achii akka gadhiisan gochuuf bishaan ujummoo fi Gaaza himiimaansu biife.Heerri akka foyya’ee caasaan sagalee wal gitu akka jiraatuuf yaada dhiyaate paarlaamaan fudhatama dhabsisuu isaatu mormiin jalqabamee guyyaa 4 lakoobsisee.

Sagantaan kallattiin lafa rakkoon kun itti uumamee irraa darbaa ture akka garsisuutti hiriirtoonni gareelee guddaan walitti qabaman bishaan ujummoo gaafa itti biifamuu agarsiisa a ture.Tarkaanfiin Kunis yeroo xinnoof hiriirtoota kan ittisee ta’uus sana booda Gaazii himiimaansu isaan aguuge polisoonni suuta jechuun hiriirtoota akka dheessan godhan.

Hiriirri kun seeraan ala ta’aa akka jiru ministriin haajaa biyya keessaa har’a ganama ibsa baaseen hubachisee jira.Mormiin kun iddoo biraattis faca’uu mala yaaddoo jedhu Diploomaatoota biyyoota gama dhiyaa biraa dhaga’amaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG