Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Hoji Raawwachiistuu IHADEG Wixinee Sagantaa Paartii Walitti Makame Irratti Mar’achuun Mana Mareetti Dabarse


Koreen Hoji Raawwachiistuu IHADEG Wixinee Sagantaa Paartii Walitti Makame Irratti Mar’achuun Mana Mareetti Dabarse

Koreen hoji raawwachiistuu IHADEG paartii kaleessa sagantaa walitti dabalamuu paartilee ilaalchisee marii bal’aa geggeessuu dhaan mana maree IHADEG-tti dabarsee jira.

Koreen hoji raawwachiistuu kun wal ga’ii isaa har’as kan itti fufe yoo ta’u wixinee seera naamusa walitti dabalamuu paartichaa irratti kan mari’atu ta’uun illee ibsameera.

Koren hoji raawwachiistuu IHADEG qabxilee ijoo ta’an shan irratti mari’atee walii galtee irra ga’uu isaa miseensa koree hoji raawwachistuu IHADEG kan ta’an obbo Feqaaduu Tesemmaa VOAf ibsaniiru.

Koreen Hoji Raawwachiistuu IHADEG Wixinee Sagantaa Paartii Walitti Makame Irratti Mar’achuun Mana Mareetti Dabarse
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG