Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirtoonni Yunivarsitii Hoong Koong Keessatti Polisiin Itti Marse Maal Keessa Jiru?


Hoong Koong Keessatti barattonni yunivarsitii kanneen mormii dhageesisan Kibxata har’a polisii isaa marsee ture jalaa miliquuf yaalii gochaa jiru.

Kanneen biroon 200 gad ta’an amma iyyu polisootaan marfamanii yunivarsitii Hoong Koong keessa jiru.Oduu gabaasaan Raadiyoo Sagalee Amerikaan kan barattoota kana waliinYunivarsitiicha keessa jiru akka jedheetti haalli jiru abdii kan nama kutachiisu ta’u fi yoo xiqqaate baratonni dargaggoon lama of-ajjeefna jechuun sodaachisaa jiru.

Barataan dhiraa tokko of-ajjeesuuf morma isaa Albee ykn Haaduun kutuuf ennaa agaamuu namoonni bira turan dhisii jechuun dhorkaa akka turan ibse.

Baratonni mormii kaasan kun abdii kutachuu isaanii naa gala kan jedhe oduu gabaasaan kun haallii jiru nama gaddisiisa jedhe.

Polisiin Dilbata darbee kaasee barattonni mormii dhageesiisan meshaa ofii hojjatan lafa kaa’uun balbala tokko qofaan akka ba’aniif ajaja kennee ture.

Karaa isaan ba’u danda’an kana immo polisiitu jira.Kanaaf himannaan hokkara kaasuu nu irratti dhiyeessu soda jedhu qaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG