Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taalibaanii fi Mootummaan Afgaanistaan Hidhamtoota Walii Gadhiisan


Lammiiwwan Afganistaan lamaan Taalibaan gadhiiste

Mootummaan Afgaanistaan hidhamtoota Taalibaan kanneen akkaan barbaachisoo ta’an sadii eega gadhisee booda Taalibaan namoota biyyoota gama dhiyaa lama gadhisee jira.

Hidhamtoonni Taalibaan sadeen kaabul irraa gara Dohaatti xayyaara addaa kan mootummaa Qataariin geeffaman.Iddoo sana garee siyaasaa kan Taaleebantu jira jedhama.

Maddeen Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti kanneen biyyoota gama dhiyaa irraa qabamanii turan lammii Amerikaa Kevin King umriin 63 akkasumas Timothy Weeks lammii Awustraaliyaa umriin 50 ka ta’e Afaagaanistaan gama kibbaa kutaa Zaabul keessaa gadhiifaman.

Dhukaasa dhaabiinsii sa’atii 48 konyaalee Zaabul keessatti labsamee kan ture yoo ta’u kunis sirna jijjirraa hidhamtootaa kana gaggeesuuf ture.

Dubbi himaan Taaliibaan akka jedhanti akka walii galtee tolfameetti looltonni Afgaanistaan 10 gadhiifamanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG