WAASHINGITAN, DIISII —
Universitii Gonder mooraa Tewdroos keessatti har’a ibidda qabateen doormiin barattootaa gubachuu isaa barattoonni ibssanii jiru. sababaan ibidda kanaa maal akka ta’e hanga ammaa hin beeknu, nuti garuu baqannee bane jechuu dhaan barataan moora sanaa haala nuuf ibsaniiru.
Gama biraan naannoo dhuma Amaaraa godina Goojjam dhiyaa keessatti kan argamu universitii mooraa Injibaaraa keessatti barattoonni lammiiwwan Oromoo doorsisaa fi reebicha nu irra ga’aa jiruun lubbuu keenyaaf sodaa keessa jirraa jechuun himata jiran.