Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Amerikaa fi Koriyaa Kibbaa Addaan Cite


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Koriyaan kibbaa looltoota Amerikaa biyya ishee keessa jiraniif baasii oolu akka dabaltuuf gaaffii Amerikaan dhiyeessite irratti mariin Kibxata har’a gaggeeffamaa tureaddaan cite jra.

Maanguddoon Koriyaa Kibbaa irraa marii kanatti hirmaatan oduu gabaastotaaf akka ibsanti marii yeroo gabaabaa booda jilli Amerikaa walgahii dhisanii ba’an.

Maanguddoon gama Amerikaa James De Hart akka jedhanti immoo yaada Koriyaan Kibbaa dhiyeessan gaaffii keenyaaf deebii tokko hin qabu jedhan.

Koriyaan Kibbaa yeroo ammaa looltoota Amerikaa kanneen biyya ishee keessa jiran kuma 28 fi 500f Doolaara Miliyoona 800 fi Miliyoona 90 baasii gooti.

Looltonni Amerikaa kun haleellaa Koriyaa Kibbaa irratti Koriyaan kaabaa gaggeessuu maltu ittisuuf gamas buufatan.Angawoonni Koriyaa Kibbaa gama isaaniin bulchiinsii Traamp baasii kana gara Biliyoona 5tti akka guddiifnu fedhu.

Prezidaant Traamp yeroo dheeraaf komeen dhiyeessaa turan michuu keenya kana taate Koriyaan Kibbaa looltoota Amerikaa biyya ishee eegaa jiraniif baasii qubsaa hin laattu kan jedhu ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG