WAASHINGITAN, DIISII —
Lammii Amerikaa kan basaastummaan Raashiyaa keessatti qabame Paul Whelan hidhaa isaa kan yakka ilaalacha duraa dheeressuuf manni murtii magaala Moskoo deggeree jira.
Lammii Amerikaa waraana turee fi amma hidhamee kanaaf Abukaatoo kanneen ta’an himata irratti dhiyaate fudhatama dhabsiisan.
Sadaasa 19 har’a ol iyyannaa dhiyeeffataniin Whelan lafa haallii xinnoo laaffatu ykn hidhaa mana keessaa jala akka turu gaafatan.
Manni murtii Moskoo ol iyyannaa dhiyaate haqee jira .
Lammummaa kanaadaa Ireeland fi Briteeyin kan qabu Whelan waardiyyonni mana hidhaa keessatti nama walitti tucheesuun hidhatanii dararaa nama irratti rawwatu jedhee jira.