Taphattoonni kubbaa miillaa lammiiwwan Eertraa afur kaneen Jinjaa Ugaandaa keessatti dahata siyaasaa gaafatanii erga isaan torbanneen hanga tokko dudra hoteela isaanii keessaa baqatanii carraan isaanii maal akka ta’e hin beekamin jira.
Taphattoonni kun garee biyyoolessaa Ertraa waliin ta’uu dhaan tapha biyyoota afriikaa waaltaa fi gaanfa afriikaa kanneen umuriin waggaa 20 gadii ta’an gidduutti dorgommii baatii Okolooleessaa keessa geggeeffamu irratti hirmaachuuf gamasitti imalan.
Kanneen mootummaa Eertraaf ergaman Ugaandaa keesssaan akka hin qabamneef torbanneen ja’an darbaniif mana tokkoo ka birootti irra naanna’aa turan jechuu dhaan abukaatoon isaanii VOAf ibsanii jiran.
Abukaatoon namoota arfanii lammiin Ameerikaa Kimberley Motley akka jedhanitti bakka hidhaa fi dararaan isaan eeggatu Eertraatti deebisamna soda jedhu qabu.
Angawoonni Ugaandaa, haala taphattoonni kun irra jiran hubachuuf gaaffii VOA biraa dhiyaateef deebii hin kennine.