Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaa Awrooppaatti Ambaasaaddorri Ameerikaa Dhuga Ba’umsa Qorannaa Aangoo Irraa Kaafamuu Traampiif Dhiyaatan


Goorden Soondlaand , Gamtaa Awrooppaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis
Goorden Soondlaand , Gamtaa Awrooppaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis

Koreen basaasa kan mana maree bakka bu’oota uummataa Yunaayitid Isteetis hoogganaa Ameerikaa aangoo irraa kaasuuf qorannaa geggeessamu akka cimsuufiif jecha, tattaaffii prezidaant Doonaald Traamp odeeffannoo mormituu isaanii ka demokraatotaa ilaalchisee jiru akka dhiyaatuuf Yukreeni irra dhiibbaa kaa’uu isaanii irratti dhuga ba’umsa ijoo har’a dhaggeeffachuuf jira.

Gamtaa Awrooppaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis kan ta’an Goorden Soondlaand haasaa kallattiin perzidaantichi geggeessan qorannaa dimokraatotaan geggeessamuuf mul’inatti dhugaa ba’uuf jiru.

Akka dhuga baatota kanneen birootti, Soondlaand walakkeessa baatii Adoolessaa qabee hanga walakkeessa baatii fulbaanaatti Traamp waliin yeroo heddduu kan dubbatan ta’uu isaanii fi Traamp deggersa nageenyaa US Yukreeniif kennuuf malte akka danqamuuf aangoo isaaniitti seeran ala fayyadamuu fi dhiisuu ilaalchisee saaxil baasuu mala.

Tramp himannaan kun kan shiraa ti jechuun badii akka hin qabaanne ibsaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG