Kanneen dhuga-ba’insa sirana taayitaa irraa buqqisa Prezidaantii Yuniaayitid Isteetisiif geggeessamu dhaggeeffatan – miseensonni Mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitd Isteetis – har’a immoo kan Gumii Tika Nagaa Yunyaayitid Isteetisitti – ogeettii ol’aantuu dhimma Raashiyaa ta’uun hojjetaa turte – Fiyoonaa Hiil irraa dhaggeeffachuuf jiran.
Fiyoonaa Hill, ammaan dura, qorattoota duratti dhugaa-ba’aniin, “Yukireenitti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis bakka sanaa buqqisamuuun, abukaatoo dhuunfaa prezidaant Traampiin duula geggeessame irraa ka madde,” jedhanii turan.
Gamtaa Awurooppaatti, Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis, qorannaan taayitaa irraa buqqisa prezidaant Traamp geggeessamaa jiru irratti, dhugaa-bahinsa dubbataniin, itti-aanaa Prezidaantii biyyattii Maayik Peensii fi Ministara dhimmi-alaa Maayik Poiompiyoo dabalatee – aangawoonni mootummaa ol’aanoon dhimmi prezidaant Traamp fi prezidaantii Yukireen gidduutti deemu sana quba qabu, jedhan.
Prezidaant Traamp, hanga Yukireen ka filannoo bara 2020 geggeessamuuf jiru irratti dorgomtuu isaanii paartii Dimooiiraatotaa tahuu malan – Jooy Baa’iden irratti qorannaa geggeessitutti, gargaarsi Yukireen waraana ishee baay’ee barbaaddu – doolaarri miliyoona dhibba afur itti hin kennamne taasisan, jedhamee komee irratti dhihaataa ture, Prezidaantichi “dhara” jechaa jiru.