Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Aangoo Irraa Kaafamuu Traamp Itti Fufe


Angawaa gameessi gumii naga eegumsa biyyoolessaa White House duraanii qorannaan aangoo irraa kaafamuu prezidaant Doonaald Traamp irratti fuuleffate filannoo US kan bara 2016 gidduu kan seene Raashiyaa utuu hin taan Yukreen ka jedhu sirrii miti jedhan.

Fiyoonaa Hiil koree basaasa mana maree bakka bu’otaa duratti dhiyaachuun dhuga ba’umsi kennan kan yeroo tokko tokkok Raashiyan filannoo US jidduu seenuu hin ooltu jedhan jecha Traamp waliin wal dha’a.

Traamp gam tokkoon prezidaantiin Raashiyaa Vlaadmiir filannoo sana jiduu hin seenne jechuu isaanii simatanii jiran.

Adoolessa 25 ennaa qorannaan aangoo irraa kaafamuu akka jalqabu gaafatame Traamp Prezidaantiin Yukreen Volodymyr Zlenenskii akka nu gargaaran jechuu dhaan mormituun isaanii dimokraatotaa itti aanaa prezidaantii duraanii Joe Biden irratti qorannaan akka geggeessamu gaafatan.

Hill akka jedhanitti dhugaan jiru raashiyaan humnootii alaa keessaa malaan bara 2016 keessa waaltaa keenya dimokraasummaa irratti haleellaa oofte jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG