Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Muummicha Ministeeraa Afgaanistaan Waliin Bilbilaan Wal Argan


(suuraa faayilii)

Prezidaant Doonaald Traamp muummicha ministeraa Paakistaan Imraan Khan waliin kaleessa bilbilaan wal arguu dhdaan namoota biyyoota gama dhiyaa Afgaanistan keessatti ugguramanii turan lama akka gad dhiisaman tattaaffii Islaamabaad godheef galateeffataniiru.

Haasaan isaanii kun kan dhaga’ame erga Kibxata darbe wal jijjiirraa hidhamtootaa taasisameen lammiiwwan Ameerikaa Kevin King fi lammiin Australia Timothy John gad dhiisamanii booda. Namoonni lamaan Profeeseroota Yuniversitii yoo ta’an erga baatii Hagaya bara 2016 qabee Talibaan Afgaanistaan keessaan ugguramanii jiran.

Namoota kana gad lakkisiisuuf mootummaan Afgaanistan angawoota ol aanoo Talibaan sadii hidhaa dhaa gad lakkisee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG