Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Guyyoota Ja’aaf Interneetii Cufte


Mormitoota mootummaa sagalee uukkaamsuuf jecha internetiin Iraan guyyaa ja’affaaf cufamee jira. angawooni naannoolee hedduu keessatti qalbii dhaan hangi tokko ni banama jedhan.

London keessa kan maadheffate gareen dhimma Interneetii to’atu NetBlocks tweeterii walitti aansuun kaleessa maxxanseen akka jedhetti Iraan sa’aatilee 113f interneetiin guutummaatti erga cufamee booda dhibba irraa harka 5 booda irras harka 10 kan ta’u har’a immoo gara 15 kan ta’u banamee jira jedhee jira.

Angawoonni Iraan interneetii kan kan cufaniif qabsaa’onni mirga namaaf falman midiyaalee hawaasaa irratti suraalee mormii guutuu biyyaa kan jimaata darbe ka’e akka hin maxxansineef odeeffannoo wal hin jijjiirre gochuuf jecha. Mormiin sun kan ka’e mootummaan gatii gaazii dhibba irraa harka 50 ol guddisuu isaa mormuuf jecha.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG