Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagalee Hiree Murteeffannaa Uummata Sidaamaa Kenname Dhibbantaan 98 Ol Akka Sidamaan Naannoo Tahu Filachuu Ba’iin Har’a Labsame Beeksise


Jiraattota Hawaasaa ba'ii filannoo yeroo dhagahan gammachuu ibsaachaa turan

Ba’iin Filannoo Hiree Murteeffannaa Uummata Sidaamaa sagalee caalmaa Godinaan Sidaamaa naannoo haa tahu jedhuun xumurame.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ibsa Gaazexessitootaaf har’a waaree booda kenneen, Shaafetaan dhibbantaa 98.51n filatamuu beeksise. Namootni miliyoona 2 fi kuma 250 caalan Sidaamaan akka godinaa tahu filatanii jiru, jedhe – Boordiin Filannoo.

Ba’ii Filannoo Hiree Murteeffannaa Uummata Sidaamaa s
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Godoon ammoo dhibbantaa 1.48n filatameera. Godoon jechuunis namootni Naannoo Kibbaa wajjin turra, jedhan ammoo 33,400 ol tahuu tu himame. Namoota filachuuf galma’an miliyoona 2 fi kuma 300 tahan keessaa dhibbantaan 99.86 jechuunis namootni miliyoona lamaa fi kuma 227 tahan sagalee isaanii kennuu isaaniilee Boordichi Filannoo Biyyolessaa Beeksisee jira.

Sagalee Hiree Murteeffannaa Uummata Sidaamaa Kenname Dhibbantaan 98 Ol Akka Sidamaan Naannoo Tahu Filachuu Ba’iin Har’a Labsame Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:22 0:00


*Hubachiisa: Maxxansa duraa irratti dogoggoraan "...Sidaamaan akka Godina tahu..." jennee nu oofkalchaa. Sirreesinee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG