Sochii nageenyaa kana milkeessuuf, maanguddoonni biyyaa, jiraattonni magaalaa, caasaa naga-eegumsaa fi dargaggoonni magaalaa Baahir-daaru qooda guddaa gumaachuu isaaniis, Yunivarsitichi beeksisee jira.
Yunivarsitii Waldiyaa keessatti hookkara ka’ee barattoota lama galaafatee booda, yunivarsitiilee yaaddoo fi heeqamni keessatti uumame keessaa Yunivarsitiin Baahir-daar tokko yoo tahu, Yunivarsiticha keessatti caasaa ijaarameen hatattamaan odeeffannnoo walii dabarsuun waan danda’ameef, barattoota tasgabbeessuun danda’amee jira – jedhan Yunivarsitichatti – Itti-aanaa Prezidaantiin Odeeffannoo fi Komiyunikeeshinii tarsiimoo – Dr. Zawuduu Immiruu VOAf ibsuu isaanii – Asteer Misgaanaaw, Baahir Daar irraa gabaastee jirti.