Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Demokraatawaa Somaalee fi Paartiin Biyooleessa Ligii Hararii Paartii Badhaadhinaatti Dabalamuuf waliigalan


Paartii Demokraatawaa Somaalee
Paartii Demokraatawaa Somaalee

Koreen hojii rawwachiiftuu Paartii naannoo Somaalee bulchaa jiruu, Paartiin Demokraatawaa Somaalee (SDP) walgahii hatattamaa gaggeesseen paartii Badhaadhinaatti dabalamuuf murteessee jira. ADWAUI..n dhiyeenya kana murtii dabarseen paartii gargaartonni paartii haaraa hundeeffamu keessa akka seenaniif murteessuun isaa ni yaadatama.

Paartii sodeepaaf itti aanaa dura ta’aa kan ta’an Musxafaa Mohammad paatiin isaanii sagalee guutuun fudhachuu isaa beeksiisan.

Murtiin koree hojii rawwachiiftu kun bor koree gidduu galeessaa fi gumii walii-galaaf dhiyaatee murtiin dhumaa irratti kennama jedhamee eegama jedhamee eegama

Gama kaaniin Ligiin Biyooleessa Haarariikoree giddu galeessaa fi gumii walii galaan paartii Badhaadhinaatti dabalamuuf sagalee guutuun murteessuu isaa ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG