Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagaleen Uummata Fedhii Jiru Agarsiisa:Angawaa Hoong Koong


Filannoo naannoo kan kaadhimamtoonni mormitootaa keessatti dorgoman barcuuma 100 keessaa harka 90 ta’an injifachuun uummanni bulchiinsa kootti kan hin gamadnee ta’u na agarsiisa jedhan hoggantuun Hoong Koong Karrie Laam.

Laam akka jedhanti kanneen sagalee kennan kun hanqiina bulchiinsa kan calaqiisan yoo ta’u hiriirrii hokkaraan guutamee akka dhaabatuuf gaafatan.

Dhimma hokkara kaasisee irratti uummata waliin marii gaggeessuuf yaada duraan dhiyeessan irra deebi’anii kan yaadachiisan yoo ta’u qabxii irratti duddubatan garu qabataam lafa hin keenye.

Dilbata dabree kannen sagalee kennan kaawunsilii konyaa keessaa 17 ykn 18 kan to’atan yoo ta’u duraan tokko iyyu hin qaban turan.

Ba’iin filmaata kun humnootii Chaayinaa deggeran kanneen siyaasa Hoong Koong keessaa harka caalaa ta’aniif mallattoo kufaatii guddaa dha jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG