Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Waamaman Dhiyaatanii Ragaa Ba’u Qabu.Abba Murtii Federaalaa


Masaraa Waayit Haawusiif gorsaa seeraa kan turan Donald Mc Ghan fi Pirezdaant Traamp
Masaraa Waayit Haawusiif gorsaa seeraa kan turan Donald Mc Ghan fi Pirezdaant Traamp

Masaraa Waayit Haawusiif gorsaa seeraa kan turan Donald Mc Ghan waamicha dhiyaateef kabajuun prezidaantii Traamp aangoo irraa kaasuuf qorannaa gaggeeffamuuf raga ba’u akka qabaniif Abbaan murtii kan Federaalaa wiixata kaleessaa galgala murteessanii jiru.

Abbaan murtii Ketaanji Jaaksan akka jedhanti prezidaant Traamp aangawoota ammaas ta’e kana ammaan dura dhiyaatanii raga akka hin beenee gochuuf angoo tokko hin qaban.

Bulchiinsii Traamp murtii abbaa seeraa kana irratti ol-iyyannaa dhiyeeffachuuf jira. Abukaatoon Mc Gahn akka jedhanti waamicha mana maree fudhatee ni dhiyaata.

Angawoota dhiyaatanii raga ba’u didan keessaa ministeera dantaa alaa Amerikaa Mike Pompeyoo,gorsaa waa’ee nageenyaa duraanii Jaan Boltan fi eeggataa hogganaa bulchiinsa Waayit Haawuus ta’uun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG