Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Wixinee Seeraa Jechoota Jibbiinsaa Ugguru Qopheesse


Manni maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaa jecha jibbiinsaa fi odeeffannoo kijibaa ittisuuf ilaalchisuun kan qophaa’e wixinee seeraa irratti mari’atee yaada itti dabalaaf koree dhaabbataa dhimmi isaa ilaallatutti dabarsee jira.

Kanneen yaada keennan irra hedduun seerri sun cimee akka ba’u yoo gorsan kaan immoo seerri ukkaamsu akka hin bane of eeggannoon akka godhamu yaadachiisaniiru.

Wixineen seeraa sun jecha jibbiinsaa ni dhorka. Wixinee seeraa keeyatta arfaffaa irra taa’ee akka jirutti jechoota jibbiinsaa sabaa himaa, maxxansaa ykn miidiyaa hawaasaa irratti barreeffama suraa fi viidiyoo ykn sagalee dhaan tamsaasuun dhorkaa dha jedha.

Keeyati shanaffaanis ragaa kijibaa sabaa himaa, maxxansaa, ykn miidiyaa hawaasaatiin suraa, barreeffama sagalee ykn vidiyoo dhaan tamsaasuun dhorkaa dha jechuu dhaan ragaa kijibaa ni uggura.

Wixineen seeraa sun qaamotii seera kana cabsan adaba addaa addaa akka irra kaa’amu murteesseera.

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Wixinee Seeraa Jechoota Jibbiinsaa Ugguru Qopheesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG