Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Baqattoonni Lammiin Itiyoophiyaa Kuma Lamaa Ol Biyyatti Deebi’uuf Galmaa’aniiru’ UNHCR Damee Keeniyaa


Faayilii - Buufata Baqattootaa Kaakumaa
Faayilii - Buufata Baqattootaa Kaakumaa

Lammilee Itiyoophiyaa baqattummaan keeniyaa jiraatan kuma 27 keessaa kumni 4 fi dhibbi 5 biyya isaaniitti deebi’uuf fedha qabu jedhe jaarmayaan baqattootaa UNHCR.

Dhaabbitichi akka Sagalee Ameerikaaf beeksisetti hojii galmee warra biyyatti deebi’uu barbaadu galmeessuu haga yoonaa gaggeeffameen baqattoonni kuma 2 fi dhibba 2 galmaawuu beeksise.

Rooz Ogoolaa Itti Aantuun Dubbi himtuu UNHCR ka damee Keeniyaa, baqattoonni kun murtee kanarra ka gahan dhiyeenya dhaabbatichi mootummaa Keeniyaa fi Imbaasii Itiyophiyaa Keeniyaa jiru waliin maree erga taasisaniin booda jedhan.

‘Baqattoonni Lammiin Itiyoophiyaa 2200 Biyyatti Deebi’uuf Galmaa’aniiru’ UNHCR Damee Keeniyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:30 0:00

Qaamoleen sadeen; jechuun UNHCR, Imbaasii Itiyoophiyaa Keeniyaa jiruu fi mootummaan keeniyaa baqattoota buufata baqattoota Kaakumaa fi Dadaab jiran duuka maree erga gaggeessaniin as Naayroobiitti walii galtee baqattota kana biyyatti galchuu waliif mallatteessanii turan.

Waa’ee wal gahii Dadaabitti gaggeeffamee turee bakka bu’aa hawaasa baqattoota Oromoo Dadaab gaafatamanii bakka bu’oonni UNHCR, Mootummaa Keeniyaa fi Imbaasii Itiyoophiyaa baqattoota galuu fedhu duuka maree taasisanii warri galuu fedhan galmaa’aa jiraachuu dubbatan.

Ammas Baqataan Abdii Qabu’ Baqattoota

Baqaan Ganna Dheeraa Jiraachuun Dhiibbaa Maal Qaba?

Haala baqattoota Dadaab yoo himanis bakka bu’aan kun baqattoonni filannoo waan dhabaniif ofirra deebi’anii akka galaniif dirqisiifamuu hin hafnee jedhu.

Baqattoonni Kaakumaa jiraatan garuu mareen gahaan baqattoota fi UNHCR, Imbaasii Itiyoophiyaa fi Mootiummaa keeniyaa jidduutti hin taasifamnee jedhu. Obbo Jundii mohaammed jiraataan kaakumaa namni akka bakka bu’aatti dhufee gaggeessitoota hawaasaatiin mariyate hin jiru jedhan. Dhuunfaatti garuu baqattoonni biyyatti deebi’uu fedhan maree gaggeessuu maluu jedhan dabalanii yoo ibsan.

Baqattoonni Itiyoophiyaaa amma maaliif biyyatti hin deebinee jechaan gaafatamaniis ‘amma haalli biyya keessaa nageenya amansiisaa miti’ jechuun deebii kennani.

Buufata Baqataa Keessatti Hojjetanii Ofiin Of Bulchuu’ – Baqattoota Oromoo Dadaab Jiraatan

‘Haga rabbiin na jiraachise jiraadhee sanaan booda waanuma dhufu eeggadha’ Miseensa Paartii KFO, Dhadhaab Keessa ganna 10 jiraate

Baqattoonni Itiyoophiyaa warri biyyatti deebi’uuf fedhan garuu, UNHCR fi mootummaan Itiyoophiyaaa biyyarraa baqannee waan turaniif gama diinagdeen nu gargaaruu qabu, nageenya amansiisaas bakka isaan qubachiisutti eegsisuu qabaa jechuun gaafatu.

Itti Aantuun dubbi himtuu UNHCR ka dame Keeniyaa Rooz Ogoolaa mamii baqattootaa kanaaf deebisanii jiru. Lammilee Itiyoophiyaa deebi’uu fedhaniif baasiin geejjibaa akkasumas biyya gahanii haga of danda’anii dhaabbatanitti gargaarsi ni taasifamaaf jedhan.

Mrs. Ogoolaan warri galuuf galmaaye torban keessatti biyyatti ni deebi’aa jechaan himanii kaan ka galuuf hin feene mmoo mootummaan keeniyaa mirga koolu galtummaa gafachuu isaanii eegee akkuma duraanii isaan jiraachisa jedhan.

XS
SM
MD
LG