Xurree ittiin seenan

Breaking News

Har’a, ayyaana waggaa, “Thanksgiving Day” yokaan Guyyaa galataa tu guutummmaa Ameerikaatti ayyaaneffama


Ayyaanni kun, waggaa waggaatti baatii Sadaasaa keessa kan ayyaaneffamu yoo tahu, jalqaba bara 1961, kutaa Masaachuusets, magaalaa Pilaayimoot keessatti midhaan lafaa gaheef galateeffachuuf ayyaaneffame.

Lammiwwan Ameerikaa hedduudhaaf, guyyaan kun, guyyaa godaantonni yeroo jalqabaatiif, biyya Ingilaand irraa dheessanii Ameerikaa itti galan akka tahetti yaadatu. Beektonni seenaa garuu, gargaarsa uummata Ameerikaa ganamaa – WaamPaanuwaag otuu hin arganne tahuu godaantonni Ameerikaa seenan sun rakkoo irraa hafanii guyyaa kana ayyaaneffachuu hin danda’an – jedhu.

Imaltoonni Awurooppaa irraa godaanan kun, doonii “Mayflower” jedhamuun imalanii eega Addunyaa isaaniif haaraa ture, biyya amma Ameerikaa jedhamtu, magaalaa Pilaayimoot qubatanii amma waggaa 397.

Lammiileen Ameerikaa ganamaa kan gosa Wampaanowaag garuu, sana dura waggoota kuma hedduudhaaf lafa sana irra jiraatan.

Akka hayyoonni seenaa jedhanitti, godaantota Awurooppaa irraa gara Ameerikaa dhufaniif waggaan duraa ulfaaataa ture. Qilleensa biyyaatti hin barre. Yeroon midhaan itti facaafatan dabree waan dhufaniifis midhaan oomishachuu hin dandeenye. Baay’een isaanii beelaan dhuman.

Haala kana keessatti ture, kan gosa Waampaanowaag keessaa namni tokko hawaasa isaa fi hawaasa godaantotaa gidduutti akka walii-galteen nageenyaa mallatteessamu taasisee, gama qonnaa, ittisa nageenyaa fi meeshaaleedhaan gargaare.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG