Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Haqaa Kongireessii Amerikaa Akka Pirezidaanti Tiraampi Waan Himataniin Dhufee Caqafatu Gaafatan


Pirezidaanti Tiraampi walgahii NATO irratti hirmaachuf gara Landan imalan, Muddee 2, 2019.

Pirezidaantii Amerikaa,DonaldI Tiraampi waan hujii irraa buusuu dandahaatiin himachuutti jiran. Naqaashii hedduu itti yaammatanii dubbii tana durumattiin deemuutti jiran

Roobii dhuftullee pirezidaanti Tiraampii fi itti gaafatamaa gorsa seera akka isaa fi gorsaan seera itti yaammatanii himachaatti dabran.

Itti gaafatamaan koree tanaa paartii Demokriaati Jerrold Nadler pirezidaantii Tiramapii fi warra seeraan isa gargaarulleen koottaa waan isaniin himatan caqafadhaa jedhanii itti yaaman.

Akka oduu arganneetti jarii lachuu hin dhufu.

Pirezidaanti Tiraampi torbaan kana hujiif London deema namii seeraan isa gargaaru Pat Cipollone ammoo yaamicha kana ya dide.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG