Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamtoonni Yakka Humnaan Gudeeddii Hindii Keessatti Raawwatan Ni Ajjeefaman


Poolisiin Hindii shkkamtoota afur kanneen ogeettii fayyaa beeladaalee kan umuriin waggaa 27 magaalaa Haayaderaabaad gama kibbaa keessatti torban darbe humnaan gudeeduun ajjeesanii booda itti dhukaasuun ajjeesuu isaa angawoonni poolisii kutaa Telaangaanaa keessaa beeksisaniiru.

Oduun ajjeechaa isaanii har’a ganamaa kun uummata kumaan laka’amu guutuu biyyattii keessaan simatameera.

Qabsaa’onni mirga namaa garuu haala shakkamtoonni kun itti ajjeefaman ilaalchisee gaaffii kaasise jechuun komiishinni mirga namaa biyyoolessa Hindii beeksisee, haleellaan kun of eeggannoo guddaan qoratamuu qaba jedhee jira.

Poolisiin akka jedhetti namoonni kun kan itti dhukaafame erga isaan bakka yakka dubartii sana itti ajjeesan akka argasiisaniif geessamanitti qawwee hatanii miliquuf waan yaalaniifi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG