Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Briteen kan Muummicha Ministeera Biyyattii Sagalee Irra Jireessa Argate


Faayilii - Muummichi ministeeraa Briteen, Booris Jonsen mana isaanii magaala Landan funduratti

Muummichi ministeeraa Briteen Booris Jonsen fi paartiin isaanii safuutti cichu mana maree bakka bu’oota biyyattii keessa kan jiru barcuma 650 keessaa irra hedduu injifatanii jiran.

Filannoo walii galaa geggeessameen kanneen safuutti cichan injifachuun Briteen miseensummaa gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uuf waggoota sadii dura murtii uummataa murteessiteen, yeroo dheeraaf eegamaa kan ture adda ba’uuun kun furmaata dhumaa argata jedhamee tilmaamama.

Kanneen safuutti cichan barcuma 362 argataniiru. Labor paartiin barcuma 203, paartiin biyyoolessaa Skootlaand 48 fi kan dimokraatota yaada madaalawaa qaban Libraal immoo barcuma 11 argataniiru.

Duulli filannoo Joonsen Briteen gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uun xumura haa argatu dhaadannoo jedhu irratti kan fuuleffate ture.

Paartiin isaaniis mana maree keessaa bakka irra jireessa argachuun adda ba’uu Briteen hanga xumura baatii Amajjii dhufuutti akka xumuramu dhiibbaa gochuuf kan isaan dandeessisu ta’uu muummichi ministeerichaa dubbataniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG