Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Ameerikaa Paakistaaniin Daawwataa Jiran


Afgaanistan waliin kan geggeessamu marii araaraaf jaarsa ijoo kan ta’an Zaalmeey Haaliizaad har’a paakistaniin daawwataniiru.
Afgaanistan waliin kan geggeessamu marii araaraaf jaarsa ijoo kan ta’an Zaalmeey Haaliizaad har’a paakistaniin daawwataniiru.

Taliban waliin Qaataar keessatti geggeessamaa kan ture marii araaraa addaan kutanii borumtaa isaa ture gara Paakistaanitti kan qajeelan.

Marii sana yeroo gabaabaaf kan addaan kutan, Talibaan torban kana keesssa Talibaan Afgaanistaanitti kan argamu maadhee waraanaa USD guddicha irratti haleellaa raawwateef deebii dha jedhameera.

Halizaad ministrii dhimma alaa Paakistan Sheh Mehimud Kuwaareshii waliin illee mari’ataniiru. US fi Taliban magaalaa galma mootummaa Qaataar Dhohaa keessatti marii geggeessan akka itti himuu 9isaanii illee ibsi Paakistaan tuqee jira.

Paakistaan adeemsa nageenyaa Afgaanistaan keessaaf qooda qindeessuu qabdu murannoo dhaan kan itti fufutu ta’uu Kuwaareshiin irra deebi’uun mirkaneessaniiru. Biyya hollaatti walitti bu’iinsi geggeessamu fala waraanaan hiika argachuu hin danda’u ka jedhu irratti illee cimsanii dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG