Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Uggurri Iraan Irra keesse Dandeetti Sharafa Alaa Biyyattii Murteessa Jedhame


Yunaayitid Isteetis uggurri isheen Iraan irra keesse, biyyattiin sharafa alaaf dandeettii isheen qabdu akkaan murteessee jira. biyya keessaa fi alaa jeequmsa uumuuf maallaqi isheen qabdu doolaara biliyoona 10 qofa jechuu dhaan angawaa ol aanaan Yuunaayitid Isteetis tokko dubbataniiru.

Iraaniif bakka bu’aan addaa Iraan Birayaab Huuk kaleessa Washingitenitti kan argamu gumii hariiroo alaaf ibsa kennaniin kan haaraa beeksisame jedhan dandeettii sharafa alaa Iraan tuqanii jiran.

Akka Yuunaayitid Isteetis jettutti Iraan yeroo ammaa sharafa alaa doolaara biliyoona 100 ta’u qabdi. Angawoonni Iraan ammatti maallaqa ol kaa’amee jiru keessaa argachuu kan danda’an dhibba irraa harka kudhan jechuunis biliyoona 10 qofa jedhan angawaan kun. Kan hafe maallaqi Iraan biliyoonni 90 biyyoota ka biroo dhaan ugguramuu isaa Hook ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG