Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Traampiin Taayitaa Irraa Fonqolchuu Irratti Sagalee Kennuuf Jira


Koreen mana maree bakka bu’otaa har’a wal ga’uu dhaan adeemsa prezidaant Traampiin taayitaa irraa fonqolchuu ilaalchisee sagalee kennuuf jira.

Adeemsicha dimokraatonni ni raggaasisu jedhamee kan eegumu yoo ta’u seera tumtoonni paartii ripaablikaanotaa immoo mormanii jiran.

Manni maree bakka bu’ootaa adeemsa prezidaant Traampiin aangoo irraa buqqisuuf sagalee kennuutti dhiyaataa ennaa jiruutti Traamp kaleessa dimokraatota kanneen yakka federaalaa hedduu fi taayitaa prezidaantummaatti seeraan ala fayyadamuu isaaniif himatan jechaan dha’anii jiran.

Shirri taayitaa irra buqqisuu kun hojii hamtuu seenaa siyaasa Ameerikaa keessatti ta’ee hin beekne guddicha jechuu dhaan ergaa Twiterii maxxansaniin beeksisaniiru.

Midiyaaleen oduu kijibaa tamsaasanii fi michuun isaanii paartiin dimokraatotaa paartii tokkoome kan Ripaablikaanotaa kanneen tokkummaan dhaabataniif rakkoo uumuu barbaadu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG