Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Paakistaan Prezidaantii Duraanii Murtii Du’aa Itti Mure


Pervez Musharrafii
Pervez Musharrafii

Manni murtii addaa Paakistaan har’a prezidaantii biyyattii duraanii Pervez Musharrafiin yakka ganiinsa biyyaa guddaan himatee adaba du’aa itti mure.

Abbaan irree waraanaa kun yeroo jalqabaaf mana murtii Paakistaan keessatti himataman.

Kan yeroo ammaa wal’aansa fayyaa Dubaay keessatti fudhataa jiran Musharraf bara 1999 fonqolcha mootummaa waaanaan aangootti dhufan.

Duraan seeraa fi paarlaamaa dhaan dahata seeaa argatanii turan. himannaan kun akka irratti dhiyaatuuf sababaa kan ta’e bara 2007 keessa labsii yeroo hatattamaa isaan labsan ture.

Dhimmi isaanii erga bara 2014 Musharraf himatamanii qabee mana murtii keessatti lafa irra harkifamaa ture. Akka hedduun amananitti dhiibbaa waraana biyyattii cimaa dhaan ture wal’aansa fayyaa akka argatniif biyyaa ba’uun kan eyamameef.

Jalqaba baatii kanaa Musharraf bakka jiran hospitaala Dubaay irraa adeemsa seeraa irraa amantaa kan hin qabaannee fi miidhaan irra ga’uu isaa dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG