Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Moqaadishoo Keessatti Dhaqqabeef Biyya Alaatu Komatame


Magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa Moqadishoo keessatti Sambata darbee galgala bombiin kokolaataa irratti camadamee dhohuun yoo xiqqaate lubbuu nama 80 galaafatee jira.

Dhaabbatii basaasaa kan Somaaliyaa balaa kanaaf biyya maqaan ishee adda hin baafamne tokko himatee jira.Fixiinsa Muddee 28 bara 2019 uummata Somaalee irratti dhaqqabeef biyya alaa tokkoon kan qindeeffame jedhamuun gabaasa kan jalqabaa hogganoota biyyattiif dhiyeessanii turan irraa adda.

Biyya balaa kana keessaa harka qabdii jedhan maqaa hin dhoofnee akkasumas raga sana dhugoomsuu ifa hin goone.Himatii kun Ibsa mootummaan Federaala Somaaliyaa duraan baase waliin wal morma.

Prezidaantiin Somaaliyaa Mohammad Abdullaahii Farmaajoo gaafa Sanbataa balaa kanaaf garee Al-Shabaabtu siviloota ajjeesa jechuun komatanii turan.Al-Shabaab diiguu malee Ijaaruu hin beekuu uummataa fi ijoollee Somaaliyaa galaafata jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG